Injifannoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Yeroo Dheeraa Keessa Galmeessisee Beekamtii Dhoowwun yakka Seenati

Share with Others

Toleeraa Atoomsaa: (Toleeaa Atoomsaa Deeggaraadha malee, miseensa ABO miti. Kanaaf wanti asi irratti barreefame kun ilaalcha kooti malee kan dhaaba bakka bu’uu miti).

 

Jalqaba

Addi Bilisummaa Oromoo bara Oromoon ani Oromoo dha jedhee of yaamuu qaana’u keessa hundeeffame. Oromoon dhaaba Oromoo bakka bu’u dhugeessuf wareegama qaqqaalii kanfalee as bahe. Barri dhaaba akkasii itti dhaabuf danda’ame sun bara hamtuu turte. Barri sun bara Oromoon Shawaa fii kan Wallagga, kan Arsii fi kan Harargee akka tokko hin taanetti dubbatamu ture. Barri sun bara turjumaanaa ture, bara Oromoon ‘simaa baloon’ rakkoo offi himataa ture. Barri sun bara Oromoon afaan abba offitin barnoota barachuu hin dandeenye ture. Barri sun bara Oromoon ‘Amaaraa ta’uuf’ baratu ture. Barri sun bara eenyummaan Oromoo baduuf qarree irra gahe ture. Egaa bara akkasii keessatti quuqqamtoonni Oromoo jaarmiyaa Oromoo bakka bu’u ijaaruf kan carraaqan. Carraaqqin isaanitis fiixan bahee jalqaba baroota 1970 keessa ABO hundeessun milkaaye. Haala akkasii keessatti dhaaba Oromoo dhaabun daran ulfaataa ture. Halagaa dhiisii Oromoon hedduunuu dhaaba biyyolessaa dhaabaa turan.

Daddaaqqii Qabsoo

Qabsoon Oromoo daddaaqqii hedduu keessa darbarte. ABO rakkoo keessaa fii alaa hedduutut mudate. Rakkkoolee kanneen keessaa bahuuf dhaabichi murtii jajjaboo kan wareegama hedduu gaafate murteesse. Warra Oromoo amanitin adda baasuf yaada qaban dura dhaabbatee akka diinatti isaanin falme. Warra Oromoo kutaan adda baasuf yaadan dura dhaabbate. Haal rakkon keessafi alaa fideen beektota Oromoo hedduutu wareegame-  Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Guutamaa Hawaas, Badhoo Dachaasaa, Abboomaa Mitikuu fii jaallen hedduu maqaa dhahuun ni dandayama.

 

Dadaaaqqii qabsoo mudateef hoggansi dhaabaa yeroo garaa garaa fii sadarakaa garaa garaatti harka keessaa hin qabu jechuun haqa jiru haaludha. Aangoo irratti qoncoorratanii gadaa isaanii kenname caala turuu, rakkoo fii waldhabii jiru mariif waldhageettin furuu dhabuu, naannummaa ija baasee mul’atu geggeessuu fii maalmatummaan yeroo adda addaa muul’atee ture. Rakkoolee kana uummataa fii miseensa jalaa dhoksuuf yaaluun immoo rakkoo daran jabaa kan dhaaba qancarseef karaa bane. Kuni ammoo Oromoon ABO shakku karaa saaqe.

Kaayyoo fi hoggansa dhaabaa adda baasuu dhabuu

ABO kaayyoon inni hundeeffameef Oromoo abbaa biyyummaa isaa gonfachiisu fii dimokiraasii biyyitti keessatti dagaagsuf ture. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf ammo akka dhaabatitti bu’aa bahii hedduu keessa darbee as bahe. Yeroo tokko tokko hoggansi dhaabichaa waan uummatni fii miseensi irraa eegu dhiisee akkama offi fedhetti yaad-malee deemun uummata Oromoo tokko tokko muufachiise. Dabalataan ammoo ABO qirca godhatanii adda hirachuunis yeroo hedduu mul’ate

Kana jechuun kaayyon ABO dogongora jechuu dhaa? Dhaabni fii hoggansi tokko jechuu dhaa? Yeroo hunda ABO if hoggansa akk waan tokkotti ilaalun dogoggora guddaadha. Yoo hoggansi dhaabaa yarate uummatni Oromoo dhaaba isaa hoggansa biraatin bakka buusu qaba malee, akka namootni tokko tokko jedhanitti ABO guutummaan gatuun sirrii miti. Yeroo hunda, itti yaaddamee ABO fi hoggansi dhaabaa tokko jedhamee kan himamuuf, gochoota namootni hoggansa irra jiran raawwatan fuudhanii ittiin dhaaba xureessuu fii abaaruun uummata Oromoo karaa dabsuufi. Kun sirritti jala muramuu qaba.

Injifannoo

ABOn injifannoo gurguddaa uummata Oromoof galmessisiisee jira. Warri gumaacha ABOn Oromoof godhe gadi xiqqeessee ilaalu nama seenaa qabsoo Oromoo hin beekne ykn kan ergama addaa if duubaa qabu. Namoota kanaaf injifannoon injifannoo dirree waraanaa qofa. Injifannoon aangotti ol-bahuu qofa.

Injifannoon ABOn galmeessisisee hedduu dha. Injifannoon kun saba Oromoof qofa osoo hin taane kan saboota biraa fayyadus ture. Yeroo mootumma cehumsaa illee mootummaan wayyanee kan sodaataa turteefii shakkii guddaan ilaalaa turte ABO ture. Gaaffin ABO ‘hiree offi offin murteeffachuu’ irratti qabu akka heera biiyyattii keessatti ragga’ee taa’u gargaare. Carraaqqin ABO yeroo garaa garaa taasise biyyootni ollaa fii mootummaalen addunyaa waa’ee Oromoo akka jala muree beeku taasise. Injifannoon karaa dirree dipiloomasitiin aragme kun dammaqiinsa fii diddaa cunqursaa Oromoon biyya keessatti argisiiseen wal-dhudhawuun hundee mootummaa abbaa-hirree raase. Kun inifannoo guddaa dha; haalamus hin qabu.

Bu’aa amma dhufaa jiru

Rakkoon siyaasaa kan biyyota ollaa fi kan addunyaa adeemsa ABO hedduu hammaataa godhee ture. Rakkoon biyya keessa jirus uummatni Oromoo akka ABO hin deeggare taasisee jira. Warreen quuqqan uummata Oromoo itti dhagahamu rakkoo Oromoo furuuf karaa gara garaatin dhaaba siyaasaa gara garaa dhaabanii fii miseensomanii jiru. Jarreen kun osoo miseensa ABO hin ta’in miseensa jedhamanii yakkamanii jiru.

Gaaffin dargaggoon Oromoo amma kaasaa jiru kun ABOn waggoota 27 darban guutuf kan kaasaa turee dha. Har’a bilchaatee human horatee yeroo as bahu, ABOn akka gumaacha tokko ilee hin gumaachinetti ilaalun sirrii miti. Sirrii ta’uu bira darbee wareegama Oromoon yeroo dheeraf godhe kan xureessuu fii xiqqeessu dha.

Guduunfaa

ABOn dandamachuu aadaa, afaanifii eenyummaa uummata Oromoo waligalaatif gumaachi gumaache seenaa keessatti iddoo guddaan kennamufii qaba. Akka dhaaba Oromoo afaan-faajessee, Oromoo wal dhabsisee fi Oromoo boodatti hambisee fakkeessanii dhiyeessun haqa irraa kan fagaate. Gochaan kun bara 1991 kaasee murna bicuu TPLFn kan geeggefamaa turee fii yeroo baay’ee hoggantoota fii dabbaloota DhDUOtin illee fudhatamee kan afarfaamaa turee dha. Garuu, kan oromoon hundi beeku ABOn dammaqiinsa Oromoof karaa saaquu caalaa, Oromoon abbaa biyyummaa isaatfi akka falmu, dimokiraasi fii wal-qixxummaaf akka carraaqu godhee jira. Kana dhugeessuf ammoo wareegamni lubbuu fii qaamaa iitti bahee jira. Namootni maatii isaanii itti dhabanii jiru. Namootni jireenya isaanii guutuu itti fixanii jiru. Kuni osoo kanaan jiru, ABO akka xurii seenaa Oromootti, akka kisaaraa qabsoo Oromootti ilaalun, seenaa dabsuufii wareegama Oromoon sirna walqixxumaa fii dimookirasii guddisuff baase huncufa itti tufuu dha. Seenas dabsuu dha. Uummata Oromoo bal’aas arrabsuu dha; xiqqeessu dha. Warri kana mormitan mee gaafilee kana if gaafadhaa: rakkoo Oromoo, abbaa biyyumaa Oromoo, olaantumaa TPLF, hidhamuu fii hiraarfamuu oromoo durri kaasee haga har’aa kan gadaa hedduuf lallabaa ture eenyu? Mee ati, kan amma barreefama kana dubbisaa jirtu kun dura waa’ee eenyummaa oromoo, rakkoo oromoo, dararaa Oromoo eenyu irraa dhageesse?

 

Yoon balleesse naaf dhiisaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *