Dr. Abiy Speech, Ambo April 11, 2018 Afaan Oromoo

Share with Others

Dr. Abiy Speech Ambo April 11, 2018

  • Kabajamtoota Aanga’oota Mootummaa Ol’aanoo
  • Abbootii Heeraa, Amnataa, jaarsolli biyaa,
  • Qeerroo Gaachana biyyaa
  • Kabajamtoota Ummata Magaalaa Amboo fi Naannawaa ishee
  • Kabajamtoota Keessummoota waamichi isiniif taasifame hundaaf

Ummata bal’aa Oromoo fi Dhaabni keenya ergama guddaa Ummata Itoophiyaatiin itti kenname, milkeessudhaaf waadaa yeroo itti galetti ummata magaalaa Amboo fi Naannawa ishee waliin taanee kutannoo qabnu ummata biyya keenyaatiif ibsuuf sirna qophaa’e kanarratti argamuu kootiif gammachuu guddaa natti dhagahame ibsuun barbaada.

Hundaa ol fedhii yeroo dheeraa ummanni keenya seenaa biyya kanaa gara boqonnaa hammattummaa fi miira jaalalaa cimaatti ceesisuuf agarsiisaa ture hojiitti jijjiiruudhaan gahumsa itti gaafatamummaa fudhachuu fi milkeessuu itti dandeenyu arganneerra. Qabsoon keenya qabsoo moo’ataa akka ta’uuf tarsiimoo keenyeen injifachuun danda’ameera. Iccitiin injifannoo keenyaa seenaa darbe lakkaa’uu qofaa odoo hin taane of-duratti fageessinee ilaaluudhaan jijjiiramaaf tokkummaadhaan hojjechuu keenyaani.

Haa ta’u malee, injifannoon keenya guutuu ta’uu kan danda’u itti gaafatamummaa nutti kenname waliin taanee fiixaan baasuu yoo dandeenye duwwaadha. Ilmi kan abbaa caalu yookaan kan abbaa dhaalu akka jedhamu, daandii qabsoo keenya kaleessaa qabannee, injifannoo amma argametti odoo hin quufin seenaa haarawa hojjechuudhaan egeree dhufuuf riqicha cee’umsaa hin raafamne fi hin diigamne kaa’uudhaaf sosochii ummata naannoo fi biyya keenyaa cimsinee itti fufuu qabna.

Imalli jijjiiramaa fi jaalalaa eegalle Utubaa fi Dagalee mataa ofii kan qabudha!

Naannoon keenya Oromiyaa fi biyyi keenya Itoophiyaan imala jijjiiramaa irratti argamu. Imalichi naamusa cimaa fi sirnaan hogganamuu barbaada. Tibbana Taateen addaa wal-harkaa fuudhiinsa baallii karaa nagaa fi dimokraatawaa ta’een raawwatame bu’aa fi agarsiistuu imala kanaa ti. Sababiinsaa, sagaleen ummataa dhaggeffatamuu kan mirkaneessedha. Ummanni keenya qabsoo taasisaa ture keessatti bilchina siyaasaa mul’ise daran cimsuudhaan milkii haaraa galmeessuuf isa kaleessaa caalaa warraaqummaa addaatiin socho’uutu nurraa eeggama.

Ummanni keenyaa utubaa imala jijjiiramaa biyyaa fi naannoo keenyaa ti. Mootummaan keenya ammoo dagalee murteessaa humna misoomaa, nageenyaa fi demokraasii ijaaraa jirruuti. Tokkummaan keenyammoo iciitii milkaa’ina keenyaatti.

Seenaa darbe lakkaa’uu qofaa osoo hin taane, of duratti fageessanii ilaaluudhaan jijjiiramaaf hojjechuudha!

Hiyyummaan, doofummaa fi boodatti hafummaan dhaadannoowwanii fi geerrarsa babareedaadhaan hin injifataman. Maqaa gaarii biyya keenyaas dadhabbii fi ifaajee nama dhuunfaa fi gareetiin alatti eegsisuu fi kabachiisuun hin danda’amu. Har’a irra dhaabbannee kaleessa yammuu ilaallu waan arginuu fi lakkoofnu hedduutu jira. Seenaan himachuufis ta’ee dubbachuuf bareedu akka ummataatti ni qabna. Akkuma sana ammoo, carraawaan gaggaariin nu jala bahan baay’etu jiru. Garuu, seenaan kaleessaa har’aaf ka’umsa yoo nuuf ta’e malee bu’aa ta’ee nu tajaajiluu hin danda’u. Kanaafuu quuqqaa kaleessaatiin godaannisa hooqqachuu keessaa baanee jaarraa tokkummaa cimaa ijaarrachuu qabna. Kana ta’uu baannaan, warra seenaa himaa bara fixu malee, warra seenaa haarawa hojjatee dhaloota egereetiif dhaalchisu ta’uu hin dandeenyu.

Waggoottan dhibbatama dura sirni Gadaa Ummata Oromoo Haqni akka hin jal’anne, dhugaan akka hin badne, nama qofaaf osoo hin taane, lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyiin naannoo keenya keessa jiranillee karaa malee akka hin miidhamneef tumaalee seera addaa qopheessuudhaan kan eeguu ture. Beeylada keessaa seera Fardaa, Muka keessaa Kabaja Odaa, iddoo araaraa Gaaddisa Muudaa akka fakkeenyaatti yoo kaasne, Oromoon tumaalee adda addaatiin hogganaa akka ture ilaaluun ni danda’ama.

Namni ifaajee isaa malee akka hin nyaanne, karaa hin malleen akka hin fayyadamne sirni falmu kun jaarraa amma keessa jirru kanaafis barumsaa fi dawaa gaarii dha. Ilaalchii fi gochi ummataaf hin malle bakka qorumsa guddaa nutti ta’ee jiru kanatti duudhaalee kaleessaa akka barumsaatti fayyadamuudhaan qabsoo cimaa ummata bal’aa hirmaachiseen dura dhaabannee falmuun yeroonsaa har’aa fi amma dha.

  • Kabajamtoota Aanga’oota Mootummaa Ol’aanoo
  • Kabajamtoota Ummata Magaalaa Amboo fi Naannawaa ishee

 

Galaan Imala lafa dheeraa marii fi waliigaltee dha!

Beekumsii fi ga’umsi hiyyummaa, boodatti hafummaa fi al-seerummaa ittiin injifachuu dandeenyu wal dhaga’uu fi dhaggeeffachuu keessaa madda. Yaadni moo’ataa fi bu’aa qabeessis akkuma kana. Ilaa fi ilaameen yoo jiraate, sirni wal dhaggeeffachuu yoo gabbate, umriin gadadoo ni gabaabbata. Kanaaf, aadaan wal dhaggeeffachuu daran gabbachuu qaba. Sana ta’uu baannaan, hanga fedhe ifaajnus bu’aa quubsaa buusuu gonkumaa hin dandeenyu.

Dhimmoota mirgaaf faayidaa keenya mirkaneessuudhaaf wabii bu’uuraa ta’an irratti waliigallee hojjechuu fi gufuuwwan nu qunnaman hunda waliin taanee buqqisaa deemuu qabna. Walii galan, Alaa galan, Alaa galan maqaa tolan akkuma jedhamu sochii kana keessatti akka ummataatti yoo hirmaanne baay’inaa fi humna diinotaa hir’isaa deemuudhaan mo’attummaa haqaa fi dhugaa mirkaneessuuf yeroon nu gaafatu ni gabaabbata.

Jaallachuu fi hammachuun iccitii milkaa’ina keenyaa ta’ee nu tajaajiluu qaba!

Waan akka nurratti hin taane barbaannuu fi balaaleffataa turre namoota biraarra akka hin geenye tumsuu fi of-eeggannoo taasisuun caalanii argamuu dha. Caaluu qofaan kan daanga’u osoo hin taane daangaa fudhatamummaa fi dhageettii bal’ifachuudhasi.

Akka sagalee fi dandeettii dhokataan nuti qabnu laga cee’uu fi injifataa ta’u yoo feene, ani qofti haa dhaga’amuu odoo hin taane, warri kaanis haa dubbatan, haa dhaggeefataman jedhanii yaaduun bilchina guddaa dha. Yaadni fooyyee qabu adda ba’uu kan danda’u yaadni wal dorgomu yoo jiraate qofaa dha. Kana ta’uu baannaan qofaa fiigicha calqabanii qofaa xumuruu ta’a. Inni ammoo injifannoos badhaasas hin qabaatu.

  • Kabajamtoota Aanga’oota Mootummaa Ol’aanoo
  • Kabajamtoota Ummata Magaalaa Amboo fi Naannawaa ishee
    Hirmaannaa Dargaggootaa fi Dubartootaa malee misoomni saffisu, dimokraasiin dhugoomu hin jiraatu!

Gaaffiiwwan dargaggootaa fi dubartoota keenyaa hanga yoonaatti hin deebi’in jiran hedduun jiraachuu isaa ni hubanna. Sochii hanga yoonaatiin rakkoo hojii dhabdummaa furuudhaaf hangi deemame salphaa ta’uu baatus, guddina fedhii misoomaa jiru waliin yoo madaalamu baay’ee kan hafu akka ta’e qorannee adda baasneerra. Argannoo keenyarraa kaanee tarkaanfiiwwan furmaataa gara garaa fudhachuu eegaleerra.

Hirmaannaa dargaggootaa fi dubartootaatiin alatti nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, hojii misoomaa itti fufsiisuu fi demokraasii lafa qabsiisuun kan hin yaadamne akka ta’e ejjennoo cimaa qabna. Sababa kanaan, hojiiwwan dadammaqinaa fi sosochii qaamolee hawaasaa kanaan dura ture itti fufsiisuun akkuma eegametti ta’ee, kanaan boodas caalmaatti hojjechuudhaaf qopha’ummaa qabnu ibsuun barbaada.

Dukkanni Dukkana hin moo’u, yoo Ifaa ta’e malee! Doofummaanis Wallaalummaa balleessuu hin danda’u yoo barumsaan ta’e malee!

Hojii qorattoonnii fi qooda fudhattoonni barnootaa sadarkaa adda addaatti hojjetaniin dhimmi barnoota qulqullina qabuu fi lammii ga’umsaa fi dandeettii qabu uumuu xiyyeeffannoo addaa kan barbaaduu dha. Hojiin kun akka eegametti ta’ee, dhaloonni egeree manneen barnootaa keessatti argamus baratee of gahoomsuudhaan ijaarsa biyyaa fi naannoo keenyaa keessatti qooda isaa gumaachuun gootummaa ta’eesaa hubatamuu qaba.

Haaluma wal fakkaatuun, hayyoonni ummanni hiyyeessi kun isin barsiisee fi rakkinni isaa rakkina keessan ta’uu amantaan fudhattanii, qorannoowwan jiran jiruu fi jireenya isaa fooyyessuu danda’an gaggeessudhaan beekkumsa qabdan hunda akka gumaachitaniif waamicha dirqama lammummaan isiniif dhiyeessuun barbaada.

Dhumarrattis, yeroon itti aanu yeroo tokkummaan ummata Oromoo caalmaatti cimee, fakkeenya gaarii walta’iinsa biyyaalessaa saboota, sab-lammootaa fi ummattoota biyya keenyaa itti ta’u arguuf abdachuu bira darbee, beekumsa akka maallaqa sabbata aayyootti guduunfannee, waan dubbannuu fi hojjennu wal simsiifnee imala keenya gara fuula duraa kan itti milkeessinu nuuf haa ta’u jechaa seenaa kaleessaa jijjiirrtanii kana booddee Ambo giddu galeessa misoomaaf fi badhaadhinaa, giddu gala adaa fii siyaasa akka taasistan imaanan qabu carraa kanaan ibsuun barbaada.

——

Injifannoo fi badhaadhinni ummata Oromoo fi Ummattoota Biyya Keenyaa hundaaf!

 

Kabajni bara baraa qabsaa’ota wareegamaniif!

Galatoomaa!

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *