Callisan Sodaattuu, Dubbatan Kijibduu: Carraa Dhaabbatni Dimookiraatummaa Uummata Oromoo (DhDUO)

Share with Others

Galmoo Hundee, Oromiyaa irraa

Bitootessa 8, 2018

“Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa”, Maarqos 12:17

 DhDUO seenaa nama boonsisu qabaachuu dhiisuu mala. Kunis waan gara garaa irraa ka’ee ta’uu danda’a. Iddoo fii akkaatan uummama dhaaba kanaa yeroo hundumaa wal falmisiisa dha. Kuun gammoojjii Tigraayitti jedha. Kuun immoo Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraati jedhu. Yeroon falmii kana irratti dhume kumaa kitila. Haala kana keessattii DhDUO fii deeggartootni isaa DhDUOn kan hundeeffame Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti jedhanii yeroo falman, mormitoonni isaanii, keessattuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO), DhDUO hundeeffamaa kaasee akka gochaatti waan Oromoo fakkessu hin qabu jedhu- Kan hundeeffame Tigiraay keessatti, kan hojjetu dantaa hognatoota Tigraayfi jedhu. Ilaalchi kun yeroo dheeraf uummata Oromoo hedduu biratti fudhatama argatee ture. DhDUO waan kana faallessuff yeroo baay’ee hojiin hin argisiifne.

Gochoota Badaa

Waggoota diigdamaa oliif uummatni Oromoo hedduun daraaramee jira. Mootummaan federaalaa fii kan naannoo ijoollee oromoo hidhaatti guuranii jiru. Kuunis ajjeffamanii jiru. Yeroo barattootni Oromoo Yuunivarsiitii irraa ariyataman, ishoo jedhee warra gammade keessaa pirezidaantin naannoo Oromiyaa Oobbo Junaydii Saadoo isa tokko ture. Gochaan sun maatii Oromoo hedduu muufachiise; gaddisiise.

Woggoota 20 oliif DhDUO irkattummaa fii malaamaltummaan hamatamuun isaa waan mormii hin qabnee dha. Yeroo tokko tokko yaa arboomsamu malee hamiin kun kan dhugaa irraa fagaate hin turre. DhDUO yeroo hunda naannoo ofii irratti halagaa irraa ajaja fudhataa turee jira. Kuni immoo Oromoo akka hidhii xuuxaa fii ilkaan ciniinaa jiraatu isa taasise jira. Dubbiin kun deemee deemee hogganni DhDUO murtii jajjabaa  akka fudhatu isa taasise jira jedhamees ni himama. Murtiilee fudhataman keessaa namoota barate ofitii hammatuu ture jedhu namoonni keessa beekan.

Miseensa barate horatuu

DhDUO yeroo dheeraf nama barate of jalatti hammatee deemuf rakkoo guddatu irra ture. Karaa tokkon, ABO fii dhaboonni Oromoof dhaabbatan, DhDUOti miseensomuun kaayyoo oromoo ganuudha; danataa oromoo dura dhaabbachuddha jechuudhan, namni barate akka DhDUO lagatu taasifamee ture. Karaa biraatin immoo sabboontota Oromoo rakkoon Oromoo itti dhagahamu, kan dhukkubbiin Oromoo dhukkubu miseensa ABO ti jechuun mootummaan fadaraalaa hidhaatti guuraa ture. DhDUO gochaa kana dura dhaabbachuun hafee human tikaa mootummaa fadaralaa waliin sabbontota adamsuutti seene. Itti dabalataan immoo hogganni DhDUO yeroo hedduu hanqina gurguddoon gaadi’amuu bira darbee malaamltummaan cuubamee aka ture kan wal-nama mormisiisuu miti.

Oromoo miti jedhamee kan oduun adda addaa irratti odeeffamaa ture Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa bara pirezidaantii naanoo Oromiyaa ta’ee filatamee kaasee dubbiin jijjiirramuu eegale. Namni barate gara DhDUO seenuu jalqabe. Haalli kun kan gaafii keessa isa galche mootummaan fadaraalaa Abbaa Duulaa achii kaasee gara mana maree fadaraalaa galche. Isaan booda dubbiin ittuu cimaa ta’ee as bahe. Uummatni Oromoo hacuuccaa fii roorroo jibbuu dubbachuu iraa hafee mormii mootummaan addunyaa gurra itti kenne dhageechisuu eegale eegale. Dhumaatiin guyaa Irrechaa Bishooftutti gahe immoo daran Oromoo garaa kute. Dubbiin Oromootis addunyaarra daran marse.

Gaafii Uummataa

Erga Abbaan Duulaa naannoo Oromiyaa irraa ka’ee gara mana maree fadaraalaa seenee naannoon Oromiyaa daran rakkoo guddaa jala seene. Namoonni naanicha yaa bulchan jedhamanii ‘achi kaaayaman’ hanqina dandeettii hoggansaa guddoo muli’isuu eegalan. Uummata sobuun, saamun, lafa isaa irraa buqqisuu fii seeran ala hidhaatti guurun akka malee jabaachaa dhufe. Keessaa darbee mootummaan feadaraalaa ‘Addis Ababa Masterplan’ jedhee imaammata Oromoo abbaa lafummaa dhabsiisu qabatee as bahe. Godiinni Adaa Nannoo Finfinnee jiru marti magaala finifinnee jala galuu qabu jedhe. Kun uummata yeroo dheeraf rakkoo fii roorro obese taa’ee haalan dallanse. Biyyittiinis finicilatti seente. Oromoon waggoota dheeraf falmii mirga isaatif godhu dhiisee illee batu, erga dubbiin ‘Masterplan’ jedhu as bahe garuu sadarkaa addaatti ceesise. Kun immoo hoggansi haarfoti akka as bahu taasise.

Garee (Team) Lammaa

Gareen Lammaa yeroo jennu cal jedhee kan lafaa bahee miti. Hoggansa gaafin uummataa dhale. Hoggansa roorron ummataa ittanee as baase. Hoggansi kun gaafa as bahu, ‘gooftan keenya uummata Oromooti” jedhe. Waadaa isaa galamaan gahuufis tarsiimoo fii toftaa garagraan sochii abshaalummaan guutame gochaa ture. Namoota barate dabalataan dafee ofitti hammate. Gorsa beektota Orormoo fudhachuu eegalae. Sodaa malee tarkaafii itti fufe. Xiyyeeffannaa ololola hoggantoota fi miseensotaTPLF ta’ees as bahe. Har’a dhumateefii jira osoo jennuu boru daranuu itti cimee kan as bahu ta’e.

Hoggansi Lammaa waa hunda kan ofitti haamate ture. Warroota quuqqaa uummataa gadi bahanii dubbatan kan akka Tayyee Danda’aa fii namoota biraa kan carraan uummata keenya kan murtaayu nuti yoo waa gummachine jedhanii sodaa tokko malee socha’an ofitti hammate.

Gartuun Lammaan tarsiimoo ‘egereen uummata Oromoo egeree uummata birootin walitti kan hidhame’ jechuun waliigaltee hin reeqifne dhaabafii saboota biraa waliin uume. Kunis, namoota hedduu rifachiise. Namootni walitti dhufeenya akkanaa hin barbaadne, uummata walitti buususn dhakaan isaan hin kaafne hin turre. ‘Manni gogaa harreetin ijaarame waraabessi yoo yuuse jiga’, jedhanii mammaakan. Gaafin Amaaraa fi kan Oromoo waliin deemuu hin danda’u jedhanii lallabuutti as bahan. Garuu hin milkoofne.

 

Filatamuu Dr. Abiyyi

Yeroo dheeraa fudhatus, mamoota hedduu gaaga’us, obsa fixachiisus, hogganni DhDUO amma jiru kun injifannoo guddaa uummatni Oromoo yeroo dheeraf hawwaa ture galmesiseera. Xiqqaatus! Kana jechuun Oromoof rakkoon isaa furameefii jira jechuu miti. Garuu siyaasa biyyittii keessatti yoo Oromoon died, karaan Galma Miniliki seenan cufaa akka ta’e ifatti mul’ise, hoggansi DhDUO ammaa.

Xumura

Hoggansi DhDUO boqannaa haaraya jalqabee jira. Jalqabni kun akka fiixan bahu immoo bakkee dhadhabanitti gargaarun, iddoo balleessanitti qeequn, barabaachisaa dha. Waan hunda dura garuu injifannoo isaan galmeessisaniif beekkumtii kennuun dirqama:

“Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *